Hagayya 2020
Qabiyyee sagantaa
Magaalaan siyaatil jiraattoota magaalicha sababa KOOVID-19 kan ka’ee rakko qarshiif saaxilamuu danda’an gargaaraa jira Bitootessa irra eegaluun,magaalittin waraqaa bittaa shaqaxaa hatattamaa (waraqaa bittaa nyaata hatattamaa) raabsaa jirti kunis maatiiwwan nyaata fi dhiheessa gahaa akka isaan argachuu danda’an godhaa. Sagantichi akka sagantaa ji’a lamaatti eegale akkasumas yeroowwan baay’eedhaaf dheereffamee akkasumas babal’ifamee jira. Warroonni fudhatanis waraqaa bittaa $400 ji’a duraa sadiif kan fudhatanii fi $180 itti fufanii kan fudhatan ta’u. Abbootiin manaa dhaabbata hawwaasummaa fi magaalatti waliin ta’uudhaangalmaa’anii turan.
Gaaffilee Irradeddeebiidhaan Gaafataman
Waraqaa bittaa yeroo hatattamaa kana irratti hirmaachuu nan danda’aa?
Lakki, carraan banan sagantaa kanaaf hin jiru.
Seera qabeessummaan waraqaa bittaa hatattamaa kanaa eenyuufiidhaa?
Fudhattoonni waraqaa bittaa hatattamaa abbootii manaa kanneen kunuunsa daa’immanii Magaalittiindhaan to’atamuu fi sagantaalee deeggarsa nyaataa akkasumas abbootii manaa dhaabbilee hawaasaa waliin ta’uudhaan galmaa’an of keessatti dabalata.
- Sagantaalee bulchiinsa magaalaa: Sagantaa gargaarsa Kunuunsa Daa’imanii,Sagantaa Barumsaa fi Gargaarsa Yeroo daa’imumma duraa,Sagantaa Siyaatil Piriiskuul (maatiiwwan hiyyummaadhan sadarkaa federaalaatti dhibbentaa 350% gadi ta’a qofaaf kan murtaa’e ),kuuppooniiwwan Fireesh Baaks(maamiloota dhaabata hawaasumma kessatti hirmaatan qofaaf kan murtaa’e),sagantaa kunuunsa haala nyaata Daa’immanii(maatiiwwanif akkasumas dhiyeessitoota Tier 1 qofaaf kan murtaa’e ), fi Sagantaa qacarrii dargagootaa siyaatil
- Dhaabbilee Hawaasa naannoo Irratti Hundaa’an: Tajaajila gorsaafi riiferaalaa Eshia’aa,API chaayaa,bakka Daandii Atilaantik, gurmaa’inssa “Black and Tan”,bakka Beeyireed Baar,kaastaa Laatina,bakka Seenteraal Eeriyaa Siineer Seenter, Seenteraal Eeriyaa Yuuz Asooshiyeshin, Chiif si’aatil kilaab, chiildrens hoom sosiyitii of waashingitaan, Koomiyuunitii Paaseej Weeys, Intiree Heermanos,Eertiriiyaan Asooseeshin oof Gireeter Siyaatil, Faayir Woork Seenter,FEEST, ,goot giriin,Hoorn oof Aafrikaa Serviisis, Injersool Jender seenter, Interilm CDA, Leek Siitii Kolleektiiv, Laatiinoo Koomiyuunitii Faand, Piroovideens Rejiinaa Haawus,Ku’eer ze Laand, Reeyiner Vaaliyi Miidwaayives, Refiyyujii Womeens Aliyaans, Soomaalii Heelz Boord, kibbaaBa’a Siyaatil Siiniyer ceentaar,Yuunaaytid Indiyaans Oof Ol Tiraayibs, Yuunayitid Teriitooris Oof Paasifiik Aayislaandars Aliyaans, Arbaan Liig oof Meetroopoolitaan Siyaatil, Viillaa koomunitariyaa fi Weest Aafrikaan Koomiyuunitii Kaawonsil
Maaliif dhaabbileen hawwaasumaa kunniin filataman?
Dhaabbileen kunniin hidhata cimaa fi jabaataa hawwasa tajaajilan waliin kan qabaniidha. Xiyyeefannoon dhaabbilee kunneenii maatiiwwan haala wal fakkataa hin taaneen COVID-19 n miidhaman fi hojiirraa geggeeffaman kannen tajaajila mootumman kennu sababa sanyummaa, gufuuwwan dhaabbilee, kannen akka rakkoo afaanii, sodaa biyya gadhiisisuu yookaan jeequmsa muuxanno godhachuufaa of keessatti dabalata
Ani waraqaa bittaa hatattamaa hin fudhachaa hin jiru, qabeenyonni nyaataa biroon kanneen argaman maal fa’i?
Waraqaan bittaa qabeenyota namoota gargaarsa barbaadaa jiran deeggaruu danda’ani keessaa isa tokkodha. Adaraa, qabeenyota biroo yeroo barbaachisaa ta’e kanatti hawwasa keenyaf akka qaqabaniif qabeenyota hawaasa KOOVID-19 kan Kantiibaa Magaalaa Siyaatil fi qabeenyota fayyaa si’aatil kan yeroo hatattamaa daawwachiisuudhaan. Fakkenyaaf Yuunaaytid Weey Of Kiing Kaawontiinsaanduuqa yeroo hatattamaa KOOVID-19 mana manarra deemsisuuf fedha agarsiisaniiru. Karaa biroon tarii Pandemic-EBT,gargaarsa nyaataa haaraa fii yeroo muraasaaf matiiwwan kannen sababa KOOVID-19 n manni baruumsaa waan cufameef ijoollee isaanii mana jiran gargaaruuf nyaata bitaniif kennamuufis eeyyama argachuu ni dandeessu. Daa’imti kamiyyuu sababoota lammummaa osoo hin danqamin P-EBT argachuu ni danda’u. Ulaagaan barbaachisaan daa’imti sun tajaajila nyaataa bilisaa yookan kan hir’ate qabaachuu qofaadha.
SNAP/EBT/Nyaata Barbaachisoo(mallattoon nyaatarra) jechuun bu’aawwan sana nan fudhadha jechuudhaa?
Hirmaannaai SNAP(mallatton nyaatarra) keessatti hirmaachuu jechuun battalumatti waraqaa bittaa shaqaxaa fudhatta jechuu miti.
Sagantaan Waraqaa Bittaa Hatattamaa akkamitti gargaaramaa?
Sagantaan kun galii magaalaatiin, namoota dhuunfaatiin fi dhaabiilen kan deeggaramu yeroo ta’u, kan mijeesse immo Yunaaytid Weey of Kiing Kaawontii, fi galii fedeeraala koroona vayirasii CARES Act jedhamuuni dha.
Odeefanno dabalata waa’e Voochariiwwan Nyaata Yeroo Hatattamaa.
Yeroo hangamiifdha waraqaan bitta shaqaxaa kun kan argamu?
Sagantaan kun hanga onkololessa 2020 tti kan dheeratee jira.
kuupooniin oomishaalee nyaataa akkamiin hojjetaa?
Maamiloonni waraqaa bittaa kanaa(hanga waraqaa bittaa 20 tti daddabarsa tokkoon ) akkuma baasii mana shaqaxaa kuusaa Washingitan Seefweey tokkotti fayyadamuu danda’u. Maamiloonni bakka kellaa darbiinsaatti kuupoonii isaa qarshi-fudhataatti dhiyeesee Seefweey Kilab Kaard isaa itti galchee kuupoonii gaatii gadi buu’aaf jijjirraa taasisa. Kuupoonii kana tooraa kellaa of-darbinsaatti jijjirraaf fayyadaamun hin dandeessani. Bittaa gaatii kuupoonii gadiitif deebiin hin kennamu. Kuupooniin namaaf kennuun hin danda’amu akkasumas koppii taasifamnaan ni haqamu. Voochariin bade yookan hatame bakka hin buufamu.
Oomisha kannen akkamii of keessatti haammata?
Kuupooniin kun meeshaa kamille Seefwey irraa bituuf ni gargaara meeshaalee kaneen akka taamboo,alkoolii,tikeeta lootaarii,kaardii kennaa,yookaan boba’a male.
Yoon waraqaa bittaa hatattamaa kana fudhadhee garuu hin barbaanne ta’e maltu ta’a?
Voocharii kana kan argattee dagoogoraan yoo ta’ee yookiin immo voocharii dabalatta argachuuf yoo hin barbaadnee imeeyili kanaan godha SeaFoodVoucher@seattle.gov yookiin 206-684-CITY(2489) bilibillaa
Ani dhukkubsadhee yookan kophaatti bahuun na barbaachisee bitachuu yoo hin dandeenye hoo?
Vochariiwwan kun kuusaa qabeenya keessatii gurguuruf qofaa fayyadu. Ati sagantaa kana kan fudhattu taatee bakka turtii adda baasuu jirta yoo ta’e, ykn sababa dhukkubaa KOOVID walqabatee dukkaana Omishaalee nyaataa argachuu dadhabde. Maaloo, toora bilbilaa
206-684-CITY irratti tajaajilaa dhiyeessi meshaalee nyaataa gaafachuuf bilbilaa.
Odeeffannoo dabalataa waa’ee tajaajila hawwaasummaa, biyyaa fi naannoo sababoota
KOOVID-19 miidhame beekuuf marsariiti kana daawwadhaa: http://www.seattle.gov/covid-19. Itti dabalata gaaffii biraa yoo qabaattaniif lakkobsa bilbilaa 206-684-CITY fayyadamaa.